kalimah.top
a b c d e f g h i j k l m n o p q r s t u v w x y z 0 1 2 3 4 5 6 7 8 9 #

haacaaluu hundessaa – mixiin wal qabattee كلمات اغاني

Loading...

nama barri miite isa kophaa deemu
kan kophaa gumgumu
kan kophaa gumgumu
waa’ee isaa dubbachuuf otoon himuu ka’ees
dubbatamee hin dhumu
dubbatamee hin dhumu
dubbii dhiise mixiin walqabattee laga ceetu
laale laale deeme waa’eesaan wallaale
laale laale deeme waa’eesaan wallaale

(nama barri miite isa kophaa deemu
kan kophaa gumgumu
kan kophaa gumgumu
waa’ee isaa dubbachuuf otoon himuu ka’ees
dubbatamee hin dhumu
dubbatamee hin dhumu
dubbii dhiise mixiin walqabattee laga ceetu
laale laale deeme waa’eesaan wallaale
laale laale deeme waa’eesaan wallaale)

namaa bineensa hin qabuu
leenci ille dhalee dhale booda kodholee dhalaa
ilma abbatti nu hin baane keenya kun iyyu falaayi
akka ijaa fi adaamii halaalatti wal dheessaa
kaanis seenaa dagate mana gumaatti walgeessaa
mana gumaataa maleey mana gumaataa malee
mana gumaa nu hin gessin yaa rabbii hunda dandeessaa
yaa rabbii hunda dandeessaayi
tokko hordee gad dhaabaa kaan buqqisee darbata
kaanis manaa mammaakaa kaanis dhugaaf mar’ataayi
otoo kan qote jiru kaan haamuuf haamtuu qaraa
gariin hiikoo isaa dhabee abjoote abjuu dharaa
gara deemnu wallaaleeyi gara deemnu wallaale
eegaa eenyutu nuuf himaa itti wallaale dubbii baraa
itti wallaale dubbii baraa
nama barri miite isa kophaa deemu
kan kophaa gumgumu
kan kophaa gumgumu
waa’ee isaa dubbachuuf otoon himuu ka’ees
dubbatamee hin dhumu
dubbatamee hin dhumu
dubbii dhiise mixiin wal qabattee laga ceetu
laale laale deeme waa’eesaan wallaale
laale laale deeme waa’eesaan wallaale

kan ijaare hin diigu alaa dhufaatu digaa
ijaaruun nutti ulfaate diigun nutti salphatee
kanaaf kessii koo dhiigaayi
kessa kiyyattan dhiiga na waraana anu hin dhiigu
haalli natti jabaattus olii gadiis hin fiiguu
du’eetan bada malee du’eetan bada malee
ijaarsa haayyu hin diigu
ijaarsa haayyu hin diigu
ijaarsa haayyu hin diiguu

ajjeessaa gaafa makkoo ajjeessaa gaafa makkoo
kan mirgaaf faacca baatu isa gurree ajjeeseyi
isa gurree ajjeese foon allaattidhaaf laatu
isa geeraraa galuu isa waliif waa maluu
ture lammiin koo durii ture lammiin koo durii
har’a maltuu baay’attee yaa rabbii rakkoo furii
yaa rabbi rakkoo furii
oliiqaa dingilfaa
goota baddaa sayyo dhabne wayyoo
(anaa nyaatu) aa
(anaa nyaatu anaa nyaatu wayyoo)
akka abiishee garbaa
goota rorroo diduu essaa fiduu
(anaa nyaatu) wayyoo
(anaa nyaatu anaa nyaatu wayyoo)
akka elemoo qilxuu
haayyu gaaratti hafe waa madafe
(anaa nyaatu) aa
(anaa nyaatu anaa nyaatu wayyoo)
akka taadde birruu
kan lammiisaaf dhiigu essaa argu
(anaa nyaatu) wayyoo
(anaa nyaatu anaa nyaatu wayyoo)
akka waaqoo guutuu
goota baddaa baalee maaltu caale
(anaa nyaatu) aa
(anaa nyaatu anaa nyaatu wayyoo)

oliiqaa dingilfaa
goota baddaa sayyo dhabne wayyoo
(anaa nyaatu) aa
(anaa nyaatu anaa nyaatu wayyoo)
akka abiishee garbaa
goota rorroo diduu essaa fiduu
(anaa nyaatu) wayyoo
(anaa nyaatu anaa nyaatu wayyoo)
akka elemoo qilxuu
haayyu gaaratti hafe waa madafe
(anaa nyaatu) aa
(anaa nyaatu anaa nyaatu wayyoo)
akka taadde birruu
kan lammiisaaf dhiigu essaa argu
(anaa nyaatu) wayyoo
(anaa nyaatu anaa nyaatu wayyoo)
akka waaqoo guutuu
goota baddaa baalee maaltu caale
(anaa nyaatu) aa
(anaa nyaatu anaa nyaatu wayyoo)
(anaa nyaatu) aa
(anaa nyaatu anaa nyaatu wayyoo)
(anaa nyaatu) wayyoo
(anaa nyaatu anaa nyaatu wayyoo)
(anaa nyaatu) aa
(anaa nyaatu anaa nyaatu wayyoo)
(anaa nyaatu) wayyoo
(anaa nyaatu anaa nyaatu wayyoo)

كلمات أغنية عشوائية

اهم الاغاني لهذا الاسبوع

Loading...