haacaaluu hundessaa - waa'ee keenya كلمات الأغنية
waa’ee keenya yoo itti dhisanii
silaa nama hin dhiisu
dubbiin keenya takka hin taanee
otoo jirruu nuti akka hin jirree
maal godhu akka hin jirree
jiruu faana gargar baanee
itti dhiisne silaa gad hin teenye
walii gallee yoo kan alaa hin gallee
itti dhiisne silaa gad hin teenye
walii gallee ykn alaa hin gallee
waa’ee keenya yoo itti dhisanii
silaa nama hin dhiisu
dubbiin keenya takka hin taanee
otoo jirruu nuti akka hin jirree
maal godhu akka hin jirree
jiruu faana gargar baanee
itti dhiisne silaa gad hin teenye
walii gallee yoo kan alaa hin gallee
itti dhiisne silaa gad hin teenye
walii gallee yoo kan alaa hin gallee
ofiittan himaa hasaase hasaaseen hasaaseen hasaase
dubbii hunda dhiibdeetu anas dhiibdee
kanaafan gad qabee gad qabeen ofitti hasaase
mee beekaa moo wallaalaa kam koomannaa
nuuf hin gallee rakkannee akkam taanaa
wal gudunfuuf wal sakaaluun dantaa taate
walii gamnee rakkoonis keenya taate
mee goota moo dabeessa kam koomannaa
nuuf hin gallee rakkannee akkam taanaa
wal gudunfuuf wal sakaaluun dantaa taate
walii gamnee rakkoonis keenya taate
mee yaa rabbii, yaa gooftaa koo
tokkicha koo mootii hundaa
walii galiiti nuu tolii
ni dandeessaa harka qabdaa
jiruu jechuuf jiruu miti
nuti akka jirruutti jirraa
nu gamt__tti nu gamt__tti
nu dhaqabii sitti iyyannaa
jiruu jechuuf jiruu miti
nuti akka jirruutti jirraa
nu gamt__tti nu gamt__tti
nu dhaqabii sitti iyyannaa
waa’ee keenya yoo itti dhisanii
silaa nama hin dhiisu
dubbiin keenya takka hin taanee
otoo jirruu nuti akka hin jirree
maal godhu akka hin jirree
jiruu faana gargar baanee
itti dhiisne silaa gad hin teenye
walii gallee yoo kan alaa hin gallee
itti dhiisne silaa gad hin teenye
walii gallee yoo kan alaa hin gallee
ahaaaa
ofiittan himaa hasaase hasaaseen hasaaseen hasaase
dubbii hunda dhiibdeetu anas dhiibdee
kanaafan gad qabee gad qabeen ofitti hasaase
mee gowwaa moo gamna kam koomannaa
nuuf hin gallee rakkannee akkam taanaa
wal gudunfuuf wal sakaaluun dantaa taate
walii gamnee rakkoonis keenya taate
mee bara moo dhaloota kam koomannaa
nu rakkannee, gubannee akkam taanaa
ormaaf darbaa maal goone maaf nu darbaa
nurra turee ni bubulee akk_ma salphaa
mee yaa rabbii yaa gooftaa koo
amlaallicha mootii hundaa
walii galiiti nuu tolii
ni dandeessaa harka qabdaa
jiruu jechuuf jiruu miti
nuti akka jirruutti jirraa
nu gamt__tti nu gamt__tti
nu dhaqabii sitti iyyannaa
jiruu jechuuf jiruu miti
nuti akka jirruutti jirraa
nu gamt__tti nu gamt__tti
nu dhaqabii sitti iyyannaa
كلمات أغنية عشوائية
- eveincapslock - glamorous and cruel كلمات الأغنية
- mikromusic - burzowa كلمات الأغنية
- mad at gravity - undefined reversion كلمات الأغنية
- highlands worship - jesus, you alone (acoustic) كلمات الأغنية
- k.a.a.n. - survival كلمات الأغنية
- grip - inside كلمات الأغنية
- illuminati king - trth كلمات الأغنية
- in flames - tilt كلمات الأغنية
- rick & renner - seguir em frente كلمات الأغنية
- projecto - death in dreamland كلمات الأغنية