kalimah.top
a b c d e f g h i j k l m n o p q r s t u v w x y z 0 1 2 3 4 5 6 7 8 9 #

galaanaa gaaromsaa - yaa shuurakoo كلمات أغنية

Loading...

yaa shuura koo yaa shuura koo
ruufaa maraatee maa dhaabbataa of gatee
(yaa shuura koo yaa shuura koo)
(ruufaa maraatee maa dhaabbataa of gatee)
goodaa kolu gaaleen qolu
dhibaafatte siif haa tolu
(goodaa kolu gaaleen qolu)
(dhibaafatte siif haa tolu)

harkii koo meel’achaa ohoo ahee
lootiidhaa gurrii koo ohoo ahee
addii koo kallachaa ohoo ahee
mootiidhaa warrii koo ohoo ahee
gurraachaa afrikaa ohoo ahee
liibaan biyyaanumaa ohoo ahee
warra gadaan bulu ohoo ahee
oromtichii nuumaa ohoo ahee

yaa gurraacha koo harka meel’achaa
dubbitti bultee dhuftuu eegachaa
(sirri sirri marraaga sirri)
marfadhu bahi randaa hin dhibiinii
mari’adhuu malee firaa hin qoodinii
(sirri sirri marraaga sirri)

yaa ijoolee tolee (ayzoo)
yaa ijoolee tolee (ayzoo)
qeeransa hin miiccani (ayzoo)
yaa ijoolee lakkii (ayzoo)
boroborii ta’a (ayzoo)
yaa ijoolee tolee (ayzoo)
ormaaf wal kennanii (ayzoo)
yaa ijoolee lakkii (ayzoo)
boruu koomii ta’a (ayzoo)
yaa ijoolee tolee (ayzoo)
ibiddaan taphataa (ayzoo)
yaa ijoolee tolee (ayzoo)
gubbatte hin aggaree (ayzoo)
yaa ijoolee lakkii (ayzoo)
mataa badaa malee (ayzoo)
yaa ijoolee tolee (ayzoo)
maqaatu hin dabaree (ayzoo)
yaa ijoolee tolee (ayzoo)
daallen kan koo
kan koo kan koo
kan koo kan koo
hiriyaan kan koo
kan koo kan koo
liicheen kan koo
kan koo kan koo
kan koo kan koo
booreen kan koo
kan koo kan koo

maalan yaada’aa (nan yaaddessa malee)
eenyuufan naha (nan naasisa malee)
maalan naana’aa (nan naanessa malee)
maalan yeella’aa (nan yeellessa malee)
eenyuufan naha (nan naasisa malee)
maafan yaada’aa (nan yaaddessa malee)
maalan leeyya’aa (nan leeyyessa malee)
maafan shaanta’aa (nan shaantessa malee)

sagalee too sagalee
sagalee too sagalee
sagalee too sagalee
sagalee too sagalee
dhagahii siif dabalee
of ta’u teeraa malee
wal ta’u seera malee
dhagahii siif dabalee
wal didduutu hodaa malee
oromoon tooraa gale
hiriyeen tooraa gale
oromoon tooraa gale
hiriyeen tooraa gale
yaa shuura koo yaa shuurshuuraa
sanyii hin gurguraanii hoodaa maafan gurguraa
(yaa shuura koo yaa shuurshuuraa)
(sanyii hin gurguraanii hoodaa maafan gurguraa)
yaadee bokkuu hin adiinii
mataa ruufaa hin qabnettu kallachaa hin hidhanii
(yaadee bokkuu hin adiinii)
(mataa ruufaa hin qabnettu kallachaa hin hidhanii)

qaccee footaa hin jenne ohoo ahee
qaccee b00baa jalaa ohoo ahee
bolla awaaldiigessaa ohoo ahee
bulguutu itti galaa ohoo ahee
qonnaan qooti garbuu ohoo ahee
goobeen galaa hin ta’u ohoo ahee
raachii keessaa waceef ohoo ahee
haaroon randaa hin ta’u ohoo ahee

laal gurraachii koo akkam gootaree
mennachaa hin ta’u bar gogaan harree
(sirri sirri marraaga sirri)
wal safeefannaa yaa ija mukee
bubultee dhuftii dubbittiin lukee
(sirri sirri marraaga sirri)

yaa ijoolee tolee (ayzoo)
yaa ijoolee tolee (ayzoo)
qaxxaamuree fardaa (ayzoo)
yaa ijoolee tolee (ayzoo)
adiin garaa jalaa (ayzoo)
yaa ijoolee tolee (ayzoo)
kan badiif baasantu (ayzoo)
yaa ijoolee lakkii (ayzoo)
badii namaa malaa (ayzoo)
yaa ijoolee tolee (ayzoo)
yaa qoonyee naa qootii (ayzoo)
yaa ijoolee lakkii (ayzoo)
jiibootan camadee (ayzoo)
yaa ijoolee tolee (ayzoo)
yaa onnee naa loolii (ayzoo)
yaa ijoolee lakkii (ayzoo)
badduu naa badadee (ayzoo)
yaa ijoolee tolee (ayzoo)
daallen kan koo
kan koo kan koo
kan koo kan koo
hiriyaan kan koo
kan koo kan koo
liicheen kan koo
kan koo kan koo
kan koo kan koo
borreen kan koo
kan koo kan koo

maalan yaada’aa (nan yaaddessa malee)
eenyuufan naha (nan naasisa malee)
maalan naana’aa (nan naanessa malee)
maalan yeella’aa (nan yeellessa malee)
eenyuufan naha (nan naasisa malee)
maafan yaada’aa (nan yaaddessa malee)
maalan leeyya’aa (nan leeyyessa malee)
maafan shaanta’aa (nan shaantessa malee)

sagalee too sagalee
sagalee too sagalee
sagalee too sagalee
sagalee too sagalee
dhagahii siif dabalee
of ta’u teeraa malee
hin ta’u seera malee
dhagahii siif dabalee
wal didduutu hodaa malee
oromoon tooraa gale

sagalee too sagalee too
sagalee too sagalee
sagalee too sagalee too
sagalee too sagalee
waayii sagalee too sagalee too
sagalee too sagalee
sagalee too sagalee too
sagalee too sagalee

كلمات أغنية عشوائية

كلمات الأغنية الشائعة حالياً

Loading...