kalimah.top
a b c d e f g h i j k l m n o p q r s t u v w x y z 0 1 2 3 4 5 6 7 8 9 #

andualem gosa - bilillee كلمات الأغنية

Loading...

sh_ggarii gubbaa mamarmaaree
sh_ggiituu jiddaafan maradhee
sh_ggarii gubbaa mamarmaaree
sh_ggiituu jiddaafan maradhee

sh_ggarii ulaan shan banaadha (banaadha)
essarraan ba’een si barbaada (barbaada)
faana kee arguun na dhamaase (dhamaase)
karri baayy’achuun na qormaate (qormaate)

bareedduu qal’oo masaakulaa
kolfituun naatoo nyaara kuula
mil’uu tokkichatiin na laaltee
budaan jaalalaatu na nyaate
hiriyaa gaafannaan maqaa ishee
badhaadha naan jette abbaan ishee (magaallina ishee)
hidhannoo jaalalaa guuttattee
qalbii too boojitee guugatte (magaallina ishee)

biliille mormi bilillee taakkuu guuta safarrisaa
qalbi fuudha bareednisaa
akk_ma addeessa dukkana keessa
ijja isheetu ifa_biifaa jaalalatu irraa tiifa
namnillee namni tokkollee
miira koo naaf hin hubannee
olmaa ishees natti hin dubbannee
salaalee keessaa barraakkoo keessaa
mogormoo bachoon of geessa
jaalaltoo lafa naannessaa
boora fardakoon
gaala hidheen faanakee dhahaa
kutee kuyyuufi qarree gohaa
koo galaan dhume
asan jira kottu naan jedhi
dagamirraan gara kee loha

yaa magaala koo
darroo bu’uu bu’e dhuuguumaa
ijatu siyyuu hin agarreef malee
dimbilaala koo
si yaadullee du’e dhugumaa
iyyat’ tulluu hin dabarreef malee

mucayyoo qal’oo warra kuraa jiddaa
mul’adhu maaloo (jaalala maal didda)
mutuluu rayyaa ayyaana abbaa keetii
nu tulluu yaayyaa (warra gullalleeti)
hariiro dhaqee qe’ee warra jaarsoo
jaarsan ergadha (natti himimee teesso)
adalgee gubbaa ee badhaaneet iyyaa
an dhabee ijaaf (way magaallee tiyyaa)

mallattoon himadha, maaloo naaf birmadhaa
kottaa na gargaara, barbaaduma ishee (barbaaduma ishee)
kanshee mallattoonii, miidhagdudha adda
jaalalaa biftishee, tumaadha irgishee (barbaaduma ishee)
boontuudha koortudha, akk_ma abbaa isheeti
nyaararra jabaattii, migira mudhiinii (barbaaduma ishee)
wallaalchisa hin qabdu, ijuu irra in dabartu
argitan ni bartu, burree shinshinnee (barbaaduma ishee)
kottee farda kooti
yaadaan kutee darbee
ija keen barbaada sh_ggee
ayyaanomee utuuman si argee
maaloo naaf owwaadhu
jiruuf suman gaada
lubbuufan si yaada sh_ggee
sh_ggee tiyya maaloo sh_ggee

arganii dhabuuni, akka dhukkubaati
gaabbii nama kaa’a, waliin nama dha’aa (barbaaduma ishee)
barbaadamuu barte, riphxe narraa hin dheessin
jooree si dhabuunkoo, xuurii sitti ta’aa (barbaaduma ishee)
kankoo si godhachuuf, ofitti murteesse
karra banaa dhiise, ergan ba’ee takkaa (barbaaduma ishee)
milli na qallattus, si argachuun murtoodha
of duuban mil’adhu, gara abbeetiin dhaqa (barbaaduma ishee)

hambaa dhibaayyuu burqaa torban ashee
hin jiru waayyuu (ejjetni faana kee)
xiixaa moo ekkaa kamiin ol yaabbadhu
fixan waabeekaa (eenyu si gaafadhu)
dhibee jaalalaa iji ilaalee hin argu
an siif dhibame (bara dhufee darbu)
nyamariin gama yoo darbes gamasuu
natti hiimi nan dhufa (an fayyee garasuu)
mucayyoo qal’oo warra kuraa jiddaa
mul’adhu maaloo jaalala maal didda
mutuluu rayyaa ayyaana abbaa keetii
nu tulluu yaayyaa warra gullalleeti

كلمات أغنية عشوائية

كلمات الأغاني الشهيرة

Loading...